Newsletter

UStti adabbiin duaa namoota lamaa haga gareen dhukaasanii ajjeesan argamanitti yeroof dhaabtate

Sa’aatii 7 dura

Madda the Great, South Carolina Department of Corrections

Ibsa waa’ee suuraa,

Freddie Owens (bitaa) and Brad Sigmon (mirga) ji’a kanatti du’aa adabamuuf yeroon qabameefi ture

Manni murtii olaanaa amerikaa kutaa biyyaa karolaayinaa kibbaa keessa jiru, duaa elektirikiin yokokan rasaasaa keesaa hanga filatanitti adabbii du’aa namoota lamaa dhabsiseera.

Seerri haaraa bahe, kanneen adabbii duaa fudhachuuf eeggachaa jirin, yoo qorichi waraanamanii du’an dhabame filannowwan kanneen keessaa tokko akka filatan carraa kennaaf.

Haahu male male aanga’oonni mana hidhaa haga ammaatti garee rasaasaan dhukaasee ajjeessu (firing squad) waan hin hundeessineef, adabbiin du’aa akka dhaabbatu manni murtii olaanaa kun murteesseera.

Birad Sigmon fi Fireedii Owens namoonni jedhaman kunniin ji’a kanatti du’aan akka adabaman yeron qabameefi ture.

Ajjeechaan balleessummaa kan irratti argame namoonni kun, lilmeen waraanamanii du’uu barbaadanis hin milkoofne. Qorichi waraanaman kun argamuu hin dandeenye.

Hir’nni qorichoota kanneenii kutaa biyyaa kana keessatti waggoota 10f haala kanaan adabbiin du’aa akka hin raawwanne taasiseera.

Seerri haaraa ji’a dabre keessa hojiirra oole kun qaawwa seraa gama kanaan jiro duuchuuf fala fida jedheera. Maali jennaan? – qorichoonni kun dhabamusaaniin adabbiin duaa yeroo deeraaf akka irraa dhaabtatuuf carraa argatan hambisa jedhan.

Demonstrators protest federal executions of death row inmates, in front of the US Justice Department in Washington

Madda the Great, Getty Images

They fired shots, but the firing squad was on fire, and there was no electricity.

Abukaatonni Sigmon fi Owens gosa ajjeechaa kana mana murtiitti falmuun, jarri kun lilmeen waraanamanii du’uuf mirga qabu jedhan.

Canaanites Mana Murtii Waligalaa Kaarolaayinaa Kibbaatti iyyachuun, adabbiin duaa maamiltoo isaanii haga dhimma isaanii dhaddachi dhagahu akka dhaabtatu gaafatan.

Guyyaa Roobi manni murtii isaaniif murteessuun jarri kun filannoon ” akka itti du’an murteessuu ” isaaniif hin kennamne jedhe.

Manni murtichaa dabaluun, haga ” immaamatni garee dhukaasee ajjeessuu haga mijaa’utti ” adabbiin kaanis akka dhaabbatan jechuun ajaja dabarseera.

Ajaja mana murtii kana hordofee angawonni ma hidhaa kutaa biyyattii “imaammataafi haala aadeemsaa garee dhukaasee ajjeessuu hundeessuu jalqabuuf” akka jedhan beeksisaniiru.

” Kutaaleen biyyaa biroo adeemsa kana keessatti akka nu kajeelchan gaggaafachaa jirra. Please help improve this article or section by expanding it.

A view of the death chamber from the witness room at the Southern Ohio Correctional Facility

Madda the Great, Getty Images

Ibsa waa’ee suuraa,

Make sure you have water for iftar and pray for it

Karoolaayinaa Kibbaa kutaalee biyyaa adabbii duaa dhukaasaan heeyyaman afur keessaa ishee tokkodha. Oklaahomaa, Misissippii fi Yutaah isaan biroodha.

Namely 63 Sigmoon guyyaa Jimaataa du’an adabamuuf guyyaan qabameefi ture

Erga duuti itti murtaa’ee kunoo barkurnee lama tahuuf adeema. Namni kun bara 2002 keessa maatii jaalalleesaa duraanii ulee ‘baseball’ itti taphataniin rukutee ajjeesun balleessummaan irratti argame.

Adabbiin Owen ammoo Wahabajjii 25f qabamee ture. Namni ganna 43 kun erga 1999 kaasee adabbiin duaa irraa ka’aa, itti murtaa’aa as gahe.

Owen wayita saamicha suuqii tokkorratti raawwatu hojjetaa marketichaa ajjeesuun itti murtaa’e.

Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Trending